Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoo Komishinaroota Marii Biyyaalessaa waliin mari’ataa jiru

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoo fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Koomishinaroota Marii Biyyaalessaa waliin mari’achaa jiru.

Dooktar Injiinar Nagaasha Wageeshoo mariin biyyaalessaa, garaagarummaa jiru walitti dhiyeessuun, furuun, carraa waliin mari’achuu uumuun, dandeettii nageenya biyyaa mirkaneessuu akka qabu himaniiru.

Marii biyyaalessaa ummaanni abdii irraa qabu dhugoomsuu fi milkeessuuf mootummaan naannichaa deeggarsa hundaa galeessaa akka taasisu ibsaniiru.

Koomishiniin marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojiilee hojjetaa jiru, koomishinarootaan dhiyaatee irratti mari’atamaa jira.

Tamasgeen Yimartu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.