Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Habtaamuu Ittafaan hoggaantoota olaanoo UNICEF fi Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarji Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan Itiyoophiyaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Bakka Bu’aa Dhaabbata Deeggarsa Daa’immaanii (UNICEF) Dooktar Abubakar Kampoo fi Itiyoophiyaatti Hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Akka biyyaatti fedhii dhiyeessii anniisaa fi bishaan dhugaatii qulqulluu guutuuf qabeenyaa dabalataan barbachuu fi hojiirra oolchuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Keessumaa yeroo ammaa deeggarsa qaamolee tumsitootaan sagantaalee hojiirra oolaa jiranii fi pirojektootatti dabalataan lammiilee biyyoota garaagaraatti argaman tajaajila bishaan dhugaatii giddugaleeffachuun qabeenya walitti qabuu mari’ataniiru.

Sagataalee adeemsarra jiranii fi pirojektoota cimsuun raawwii isaanii bu’aa qabeessa taasisuu irrattis mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuum Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan Ministiraa Daldalaa Alaa Fi Misoomaa Fiinlaandi Viilee Taaviyoo waliin walta’iinsa misoomaa biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.