Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girmaa Amantee godina Gujitti Baaqelaa Kilaastaraan misoome daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee godina Gujitti Baaqelaa Kilaastaraan misoome daawwataniiru.

Qonnaan Bultoonni godina Gujii aanaa Booree kilaastaraan Baaqelaa misoomsaa jiran gorsaa fi barumsa oggeessota qonnaa irraa arganne hojiitti jijiiruun hojjechaa jira, erga baaqelaa kilaasteraan qotuu eeggallee galiin keenya guddachaa jira jedhan.

Baaqelaa barana misoomsan irraa bu’aa gaarii argachuuf hojjachaa jirra jechuun dubbataniiru.

Daawwannichaan Dooktar Girmaa Amantee Godina Gujittii, akka naannoo Oromiyaatti qonnaan bultoonni kilasteraan midhaan qotaa jiran jiruufi jireenyi isaanii jijjiiramaa jira jedhan.

Milkaa’inni gama kanaan argame dachaan dabaluuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjachaa jira jechuu himaniiru.

Akka OBN gabaaseetti qonnaan Bultoonni kilastaraan qotaa jiran gatii dhadhabbii isaanii akka argataniif walitti hidhamiinsa gabaa fi dhiyeessii sanyii filatamaa irrattis ni hojjatama jechuun Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.