Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girmaa Amanteen Naannoo Afaaritti hojiilee misooma nyaata beelladaa daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Naannoo Afaar Godina Gabii Raasuutti hojiilee misooma nyaata beelladaa hojjetama jiru daawwataniiru.

Hojiileen misooma nyaata beelladaa naannoo Afaaritti hojjetamaa jiru hanqina nyaata beelladaa sadarkaa biyyatti mudate furuu kan danda’u ta’uu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Ityoophiyaan damee beelladaarraa bu’aa barbaaddamu akka argattuuf hojiin misooma nyaata beelladaa dhimma xiyyeeffannoon hojjetamuu qabu ta’uu yaadachiisuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Afaarirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.