Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Haqaa Noorwey waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Haqaa Noorwey Eemlii Aangar Maahil waliin mari’ataniiru.
Marichaarratti Dooktar Geediyoon Noorwey biyyoota michuu Itiyoophiyaa yeroo dheeraa ta’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuuf Itiyoophiyaan fedhii qabaachuu kaasanii yeroo ammaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu dhaabbilee biyya alaaf carraa fooyya’aa kan uumuudha jedhan.
Kanaaf abbootiin qabeenyaa Noorwey Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Eemlii Aangar gama isaaniin Noorwey hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa waliin qabdu guddisuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia