Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gita isaanii Ugaandaa fi Ruwaandaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa Ugaandaa Jeneraal Odongo Jeje Abubakar fi Ministira Dhimma Alaa Ruwaandaa Oliver Jiin Patrik Niduhungiri waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis dhimmoota biyyoota lamaanii fi naannawaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Marii isaanii booda biyyoonni kunneen dhimmoota biyyoota lamaanii fi naannoo irratti tumsa isaanii cimsuuf waliigaluu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Marichi walga’ii ministirootaa jalqabaa Fooramii Tumsa Raashiyaa fi Afrikaa, Raashiyaa Sochiitti gaggeeffamaa jiruun cinaatti ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia