Dooktar Geediyoon Ximootiwoos du’aan boqochuu Ministira Muummee duraanii Hindiif gadda itti dhaga’ame ibsan
Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, du’aan boqochuu Ministira Muummee duraanii Hindii Maanmohaan Siingiin gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Dooktar Geediyoon Itiyoophiyatti Embaasii Hindiitti argamuun, maqaa Ummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaan gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.
Siingi abbaa mul’ataa fi duree biyyaa cimaa akkasumas michuu Itiyoophiyaa sirrii akka turan eeraniiru.
Dabalataan hariiroo Itiyoophiyaa fi Hindii cimsanii itti fufsiisuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia