Dooktar Geediyoon Sudaanitti ergamaa addaa Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan
Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Sudaanitti ergamaa addaa Mootummoota Gamtoomanii Raamtaan Laamaamraa waliin mari’ataniiru.
Nageenya Sudaan waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin dhuunfaaneegalame gara tokkotti dhufuun kallattii tokkoon hogganamuu akka qabu Dooktar Geediyoon ibsaniiru.
Walitti bu’iinsi Sudaan gaaga’ama namoomaa uumaa jiru dhaabuuf nageenya waaressuuf hojjechuun daraan murteessaa ta’uu Raamtaan Laamaamraan himaniiru.
Itiyoophiyaan Sudaanitti nageenya buusuuf tattaaffii taasifamu kan tumsitu ta’uu fi gahee olaanaas qabaachuu marichaan ka’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame mi mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia