Dooktar Geediyoon Pireezidaantii Jiibutii waliin mari’atan
Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos Pireezidaantii Jiibutii Ismaa’eel Oomaar Giillee waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’atan.
Dhimmoota michummaa, Obbolummaa fi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’anirratti xiyyeeffachuun mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Walga’ii komishinii waloo Ministeerootaa Itiyoo – Jiibuutii 17ffaarratti kallattii kaa’amerratti waloon hojjechuuf mari’ataniiru.
Tasgabbii fi tumsa naannawichaa deeggaruuf walii galuu ibsameera.
#Oromiyaa #Ethiopia