Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Chaayinaa Ambaasaaddar Zhuu Biingi waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis dhimmoota gamlamee, sadarkaa ardii fi addunyaarratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dooktar Geediyoon akka jedhanitti, Itiyoopiyaan naannawichatti nagaa fi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf tattaaffii taasiftuuf deeggarsi Chaayinaa cimee itti fufu akka qabu gaafataniiru.

Itiyoophiyaan bu’uura hammattoo Walta’iinsaa Afrikaa Chaayinaan fooyya’iinsa diinagdee man-dhalee fi dinagdee magariisaa walsimsiisuu himaniiru.

Ambaasaaddar Zhuu gama isaaniin hariiroon gamlamee Itiyoophiyaa fi Chaayinaan milkaa’inaalee galmaa’an himanii, fuulduratis hariiroo kana sadarkaa caalutti ceesisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.