Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon bakka buutoota Ejansiiwwan DhMG Itiyoophiyaatti hojjetan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos bakka buutoota Ejansiiwwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti hojjetan waliin mari’ataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waamamaa Olaanaa Itiyoophiyaa fi Qindeessaa deeggarsa namoomaa fi bakka buutoota Ejansiiwwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti hojjetan waliin marii tumsaan hojjechuu cimsu mari’achuu ibsameera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Xiyyeeffannoo mootummaa bu’uura taasisuun deeggarsa gochaa jiru cimsee akka itti fufu Dooktar Geediyoon gaafataniiru.

Deeggarsi dhaabbatichaa imaammata mootummaan haala walsimuun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif taasisu jireenya kutaalee hawaasaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Ejansiiwwan Dhaabbaticha jala jiranis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsaan akka hojjetan gaafataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waamamaa Olaanaan Itiyoophiyaa fi Qindeessaan deeggarsa namoomaa Dooktar Raamiiz Alkaabaaroov fi Bakka buutoonni Ejansiiwwan dhaabbatichaa dhimmoota mootummaan Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kenneefirratti tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.