Dooktar Fitsuumii fi Ambaasaaddar Mizgaanuun Ministira Diinagdee Oomaan waliin mari’ataniiru
Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC) –Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa fi Ministir Deetaan Ministeera Alaa Ambaasaaddar Mizgaanuu Argaan Ministira Diinagdee Oomaan Sa’iid Al Shaakiirii waliin mari’ataniiru.
Hariiroo Diinagdee biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Qaamoleen kunneen Yaa’ii 5ffaa biyyoota guddinarra jiranii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kuwaataar Dohaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii kana taasiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.