Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Fitsuum Asaffaa hogganaa Inistiityuutii Groowz Griin Gloobaal waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa daayreektara Inistiityuutii Groowz Griin Gloobaal Afrikaa fi Awrooppaa Dooktar Maalee Foofoon waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Dooktar Fistuum Ityoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti ta’e biyyoolessaatti misooma diinagdee magariisaan dursituu ta’uu himaniiru.

Kanaan dura kan turee fi ammas kan jiru karoorri waggaa 10 keessaa tokko kan ta’ee ijaarsa diinagdee magariisaa ta’u eeraniiru.

Sadarkaa karooraa fi imaammataan misoomni diinagdee magariisaa fi jijjiirrama qabeenya qilleensa kan dandamachiisuu ijaarsa diinagdeerratti Ityoophiyaan cimsitee itti fufuu ibsameera.

Kana deeggaruufis gurmaa’insi fooyya’uu kaasuun, dameewwa hundaan jijjiirramaa qabeenya qilleensa fi dhimma naannoorratti dabaluun akka karoorsanii fi raawwataan taasifameera jedhan.

Akka fakkenyaatti geejjibaan, bishaanii fi inaarjii, indaastirii, qonnaa fi misoomni magaalaa murteessaadha.

Kaka’umsa Muummee Ministira Abiy Ahimad hojiirra oolaa kan jiru sagantaa Ashaaraa Magariisaa magariisummaa dabaluuf shooraa olaanaa qaba jechuun Dooktar Fitsuum himaniiru.

Dooktar Fitsuumii fi Dooktar Maalee Foofoon itti gaafatamuumma Ministeera Pilaanii fi misoomaaf laatameerratti hunda’uun dhimmota imaammataa jijjiirramaa qabeenya qilleensarratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Ministeericharra argame ni muul’dhisa.

Inistiityuutii Groowz Griin Gloobaal bara 2012 kan hundaa’ee yoo ta’uu hundeeffamaa isaa keessaatti Ityoophiyaan ni argamti.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.