Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Fitsum Asaffaan jila dhaabbata Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan jila dhaabbata Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan waliin mari’ataniiru.

Dooktar Fitsum jila dhaabbata Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan Proofeesar Keenchii Ohiinoon durfamu waliin hojiirra oolmaa karoora misoomaa waggoottan 10 fi sadarkaa inni irra jiru akkasumas bu’aalee argamanii fi rakkoolee mudatan irratti mari’ataniiru.

Hojiirra oolmaan diinagdee biyya keessaa bu’aa argamsiisaa jiraachuu  Dooktar Fitsum eeraniiru.

Milkaa’ina Karoorichaaf beekumsaa fi dandeettii  biyya keessaa guddisuuf kan hojjetamu ta’uu eeruun, deggarsi biyyootaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan imaammata indaastirii fuulduratti ifoomsituun walqabatee gama  oomisha guddisuu, qabeenya humna namaa, ijaarsa dhaabbilee, ce’umsa teeknooloojii fi hojiirra oolmaa imaammata indaastiriirratti Jaappaan waliin tumsaan hojjetamuu akka danda’u eeraniiru.

Jilli dhaabbatichaa Proofeesar Keenchii Ohiinoon durfamu gamasaan, Jaappaa hojiirra oolmaa imaammata indaastiriirratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii kan qabdu ta’uu ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.