Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Ergoggeen Garee jilaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeera Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen miseensota garee Jilaa Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanis hojiilee tola ooltummaarratti bu’aalee argamanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dabalataan interpiraayizoonnii fi abbootiin qabeenyaa Chaayinaa gahee Itiyoophiyaa keessatti qabanii fi tarkaanfiilee imaammataa fi bulchiinsaa akkasumas dhimmoota fuulduratti waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mootummaan Chaayinaa akkasumas dhaabbileen fayyaa tajaajila tola ooltummaarratti gahee qaban akka cimsan waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.