Dooktar Caalaa Waataa dabalatee namoonni 15 yakka malaammaltummaa cimaan himataman
Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Pireezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa duraanii Dooktar Caalaa Waataa dabalatee namoonni 15 yakka malaammaltummaa cimaan himatamaniiru.
Namoonni kunneen Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Yakka Dhimmoota Malaammaltummaa ramaddii 4ffaa Lidataatti dhiyaachuun himanni irratti banameera.
Yakka Malaammaltummaa cimaan shakkamuun mirgi himatamuu isaanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan irraa kan ka’e Pireezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa duraanii Dooktar Caalaa Waataa, Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitichaa Taammiruu Oonoolee, Itti Aanaa Pireezidaantii Bulchiinsaa fi Tajaajila Barattootaa Dooktar Roobaa Danbii dabalatee namoonni 15 yakka maalaammaltummaa cimaan himatamaniiru.
Ministeera Haqatti Daayrektoreetiin Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa galmee Afuriin himannaa yakka Malaammaltummaa cimaa irratti dhiyeesseera.
Himatamtoonni kunneen Bittaan Kallattiin akka raawwatu murtoo dabarsuun dhaabbileen ijaarsaa caalbaasii malee karaa seeraan alaan bittaa raawwachuun Birrii miiliyoonni 195 ol mootummaarraa kisaaraa akka qaqqabsiisaan taasiisaniiru jechuun abbaan Alangaa himateera.
Akkasumas seeraan ala aangootti fayyadamuun sadarkaa duraan yakka keessatti hirmaataniiru jechuun himateera.
Haaluma kanaan himatamtoota kanneeniif dhimmi himannaa isaanii akka qaqqabu taasifamuu ibsameera.
Himatamtoonni Abukaatuu waliin mari’achuun himanni isaanii Caamsaa 7, 2015 akka dubbifamuuf bellamni qabameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.