Dooktar Ballaxaa Mollaan Itti Gaafatamtoota Teeknooloojii Niwukleerii biyyaalessa Chaayinaa waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Itti Gaafatamtoota Teeknooloojii Niwukleerii Biyyaalessa Chaayinaa waliin mari’ataniiru.
Haala Teeknooloojii Niwukleerii kaayyoo Fayyaa, Qonnaa, Indaastirii fi Anniisaaf fayyadamuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.
Itiyoophiyaan Teeknooloojii Niwukleerii misoomaaf oolchuuf Korporeeshinii Roosaatamii Federeeshinii Raashiyaa waliin sanada waliigaltee mallatteessuu Dooktar Ballaxaan mariicharratti ibsaniiru.
Damicha caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf ministeerichi Korporeeshiniin Niwukleerii Chaayinaan waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee waliin ijaarsa dandeettii Giddugala Niwukleeriirratti tumsaan hojjechuuf mariin taasiifamaa jiraachuu bakka buutoonni Teeknooloojii Niwukleerii Biyyaalessa Chaayinaa ibsaniiru.
Leenjii humna namaa fi dameewwan biroorratti hojjechuuf fedhii qabaachuu eeruu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa
#Oromia #Ethiopia