Dooktar Arkaba Iqqubaay kaadhimamaa Daayreektara Misooma Indaastirii Afrikaa ta’uun dhiyaatan
Finfinnee, Gurraandhala 26, 2013 (FBC) – Dooktar Arkaba Iqqubaay Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti kaadhimamaa Daayreektara olaanaa Misooma Indaastirii Afrikaa ta’uun akka dorgoman sagalee guutuun filatamuu Komishiniin Gamtaa Afrikaa beeksiise.
Walga’ii idilee Mana Maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Gurraandhala 24 fi 25, 2013 gaggeeffameen Dooktar Arkabaan Ityoophiyaa bakka bu’uun Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti dorgomaa Daayreektara olaanaa Misooma Indaastirii Afrikaa ta’uun akka dhiyaatan ragga’eera.
Dooktar Arkabaan waggootaan 30 darbaniif Misoomni Indaastirii Afrikaa itti fufiinsaa akka qabaatu caasaa hunda galeessa fi imaammata baasuun hojii bu’aa qabeessa hojjechuu gamtichi beeksiseera.
Dooktar Arkabaan muuxxannoo hojii qabaniin sadarkaa idila addunyaatti damichaan jijjiirrama qabatamaa fiduu akka danda’u manni marichaa amantaa guutuun kaadhimamaa ta’anii akka dhiyaataan sagalee guutuun raggaasisuuragaan Gamtaa Afrikaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.