Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abraham Balaay Raayyaan Ittisaa biyyattii diigamuurraa baraaruuf wayita wareegama kaffalanitti qormaataan utuu hinraafamin tajaajilaniiru-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC)-Dooktar Abraham Balaay Raayyaan Ittisaa biyyattii diigamuurraa baraaruuf wayita wareegama kaffalanitti qormaataan utuu hinraafamiin miira Itiyoophiyummaan tajaajiluu Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan dubbatan.

Ministiraa Raayyaa Ittisaa ta’uun tajaajilaa kan turan Dooktara Abrahaam Balaayiif sirni gaggeessaa taasifameera.

Sirnicharratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan haasawaa taasisaniin Dooktar Abrahaam Balaay wayitaa Ministira Raayyaa Ittisaa ta’uun tajaajilanitti hojiilee gaggaarii hojjechuu ibsan.

Raayyaan Ittisaa, biyyattii diigamuurraa baraaruuf wayita wareegama kaffalaanitti qormaataan utuu hinraafamiin miiraa Itiyoophiyummaan tajaajilaniiru jechuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’uun kan muudaman Injiinar Ayishaa Mahaammadiif yeroo hojii gaarii akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

Dooktar Abrahaam Balay gama isaaniin sirna gaggeessaa kabajaa taasifameef galateeffataniiru.

#Oromia #ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.