Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abrahaam Balaay Itiyoophiyaatti Daayrektara USAID waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay, garee jilaa Itiyoophiyaatti Daayrektara USAID Iskoot Hooklaandariin durfamu waliin mari’ataniiru.

Marichi raawwii pirojketoota naannawaa Gammoojjiitti hojiirra akka oolan baatii Amajjii 2016 hojiiraa ooluu jaqabanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Pirojektichi waggoota sadiif hojiirra kan oolu yoo ta’u, baasii Doolaara miiliyoona 3 USAID’n ramadameen kan hojiirra ooluu ta’uu ragaan ministeeraicharraa argame ni mul’isa.

Pirojektichi horsiisee bultoota Naannolee Oromiyaa, Somaalee Afaar fi Kibbaa Itiyoophiyaatti argaman fayyadamtoota taasisa jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.