Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abrahaam Balaay hoggantoota Olaanoo dhaabbata Nyaataa fi qonna Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaayi fi Ministir Deetaan Ministeericha Dooktar Birhaanuu Leenjisoon jila hoggantoota Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa waliin mari’ataniiru.
Marichi Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaatti hogganaa Tajaajila Afrikaa Kibbaa fi Bahaa Jiyoovanii Munooz, Itiyoophiyaatti Bakka bu’aa ‘FAO ‘Faraayi Zimuudii fi jila isaanii waliin kan gaggeeffame ta’uu ibsameera.
Mariin isaanii dhimmoota piroojektii fulduraati hojjetamanirratti deeggarsa teeknika dhiyeessuu ,koodiiwwan jallisii qajeelfamoota fi hammattoo seeraa qopheessuuf akka ta’ee eerameera.
FAO hojiilee misoomaa damee Qonnaa fi Bu’uuraalee misoomaa saffisuuf tattaffii taasifamu keessatti gahee isaa olaanaa qabaachuu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.