Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Sagantaa Ashaaraa Magariisaarraatti hundi akka hirmaatu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Saganta Ashaaraa Magariisaa bara kanaarratti lammiileen hundi akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xirunaa fi hojjettoonni Waajjira Ministira Muummee waloon Pirojektii ‘Caakkaatti’ biqiltuu dhaabaniiru.

Haaluma kanaan Dooktar Abiy gama miidiya Hawaasummaa isaaniin “Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaarratti hundi akka hirmaatu waamicha koon dhiyeessa “jedhaniiru.

Biqiltuu baargamoo hojiin biqiltuu biyya keessaan bakka buusuu cimee itti fufuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.