Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy qaamolee biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsan galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad qaamolee biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsan galateeffatan.
Dooktar Abiy warra biqiltuuwwan #AshaaraaMagariisaa yeroo darbe dhaabaman kunuunsaa jiran hundaaf galannikoo haagahu jedhaniiru.
Hamma isa bara darbe dhaabnee qabate caalaa akka qabtuuf hundi keenya biqiltuuwwan dhaabne kunuunsuu qabnas jedhaniiru.
Dhaabbii biqiltuu bara 2011tin biqiltuu biiliyoona 4, Ganna 2012 biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuun danda’amuun ni yaadatama.
Kan bara 2011 dabalatee waggaa 5 keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamuun hin dagatamu.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.