Dooktar Abiy Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa ta’uun filataman
Finfinnee, Amajjii 25, 2017 (FMC) -Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa ta’uun filatamaniiru.
Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa oolmaasaa guyyaa 3ffaan Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Paartichaa taasisuun sagalee olaanaan filateera.
Pireezidaantii paartichaa ta’uun kan filataman Dooktar Abiy Ahimad akkaataa Dambii paartichaan hirmaattoota fulduraatti kakuu raawwataniiru.
Haaluma walfakkaatuun yaa’ichi Obbo Tamasgeen Xurunaa fi Adam Faaraah pireezidaantota itti aanaa gochuun filateera.
Pireezidaantiiwwan itti aanoon lamaanis yaa’icha duratti kakuu raawwataniiru.
#0romiyaa #Ethiopia