Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Mootummaa Chaayinaa fi Dhaabbata Misoomaa Indaastirii galateeffatan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mootummaan Chaayinaa fi Dhaabbanni Misoomaa Indaastirii deeggarsa misooma Itiyoophiyaaf taasiisan galateeffataniiru.

Furmaata teeknooloojiin deeggarame argachuuf tumsi sadee ifoome;- Qonna Itiyoophiyaa, Indaastirii Qonnaa, Aannisaa Haaromu, Hojii Diijitaalaayizeeshinii Giddugalawwan ogummaa bu’uureeffataniin jireenya qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaa akkasumas jireenya baadiyyaa fooyyessuuf carraa addaa qabatee dhufuu eeraniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Mootummaan Chaayinaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Misooma Indaastirii yaada murteessaa kanarratti tumsa taasiisaniif galateeffataniiru.

Daayrektarri Jeneraalaa UNIDO Gardi Mular Misooma Itiyoophiyaaf deeggarsa cimaa taasiisaniif addatti galateeffachuu ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.