Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy misooma Kooridarii Caffee Aannanii-Calcalii eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad misooma Kooridarii Caffee Aannanii (Meeksiikoo) hanga Calcalii (Saarbeet) ijaaramee eebbisiisuu himan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti hojiilee Ijaarsa Magaalaa hojjetamaa jiran keessa milkaa’ina tokko kan ta’e misooma Kooridarii 2ffaa Caffee Aannanii hanga Calcalii eebbisiisaniiru.

Bu’uuraalee misooma cimsuun, aadaa hojii fi tattaaffii, daandiilee imaltoota miilaa, daandiilee konkolaattotaa gahaan, guddina Magaalaaf murteessaadha jedhan.

Kutaalee magaalotaa manca’anii fi umrii dheeraa lakkoofsisan haaromsuun, dhaloota ittaanuuf fi carraa egereef karoorsuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Naannawaa farra fayyaa fi manca’an jiraachuu amaleeffachuu hinqabnu jedhaniiru.

Daandiin Guddina Magaalaa Finfinnee reef eegala waan ta’eef guddina jijjiiramaa itti fufa taasisuun furtuu ta’uu dubbataniiru.

Tattaaffii waloo keenyaan Egeree fooyya’aa ni milkeessina jechuunis dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.