Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ministira Alaa Afrikaa Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedii Paandooran waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Naaleedii Paandooran Waajjira isaanitti simachuun dhimmoota waloorratti mari’achuu ragaan Waajjira Muummee ministiraarraa argame ni mul’isa.

dhimmoota hariiroo Dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’achuu isaanii eerameera.

Hariiroo diinagdee, daldalaa, Saayinsii fi Teeknooloojii fi barnootaa caalmaatti guddisuu, akkasumas dhimmoota ardii fi idil addunyaarratti tumsaan hojjechuuf mari’achuu isaanii himameera.

Walga’ichi erga xumuramee Mooraa Waajjira Muummee Ministiraa keessatti waloon biqiltuu dhaabaniiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.