Dooktar Abiy magaalaa Bahaar Daaritti Riqicha Laga Abbay irratti hojjetamaa jiru daawwatan
Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Bahaar Daaritti Riqicha Laga Abbay irratti hojjetamaa jiru daawwataniiru.
Daawwannicharratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Ijaarsi Riqichichaa % 25 irra ga’uu ibsameera.
Yeroo kaa’ameef keessatti xummuruuf xiyyeeffannoonn ni hojjetama jedhameera.
Riqichichi Meetira 380 kan dheeratu yoo ta’u, Meetira 43 bal’ina qaba jedhameera.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.