Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa eegalchiisan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2017 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI fi Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad dhimmootta biyyaalessarratti leenjii ijaarsa dandeettii hoggatoota olaanoo Paartichaa eegalchiisan.

Leenjichi har’a kan eegalame yoo ta’u, bu’aalee biyyattiitti galmaa’an daran milkeessuu fi muuxannoo babal’isuuf, qormaatilee jiran carraatti jijjiiruun, faayidaa ummataa fi biyyaa mirkaneessuuf dhimmoonni dandeessisan dhiyaachuun irratti mari’atamaan kan eegamu ta’uu ibsameera.

Paartichi ummata hirmaachisuun hojiilee gaggeesseen injifannoowwan galmeesse daran cimsuun kallattiiwwan fuulduree irratti xiyyeeffatamuu qaban irratti kan qopheessuun ta’uun eerameera.

Raawwii mootummaa fi paartii cimaa dhugoomsuun paartichi waadaa ummataaf galee qabatamaan milkeessuuf ga’umsaa olaanaa akka uumus himameera.

Leenichi hanga Fulbaana 15, 2017’tti akka turuu fi waltajjichaan, hoggansi olaanaan paartichaa kuma 2 ol naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa lameenirraa baba’an kan hirmaatan ta’uu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.