Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Lammiilee Godina Goofaatti miidhaan irrra qaqqabe jajjabeessan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaa ganda Keenchoo Saachaa argamuun lammiilee sababa sigiga lafaan miidhaan irra qaqqabe jajjabeessaniiru.

Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi Ministira Muummee Duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi dabalatee hoggantoonni Olaanoon mootummaa biroo bakka balaan muudate kanatti argamuun maatii miidhamtootaa jajjabeessaniiru.

Mootummaan hawaasa kanneen deebisee dhaabuuf kan hojjetu ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Godina Goofaatti balaa sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota hedduu darbuun kan yaadatamuudha.

Taarikuu Laggasee, Maatuusaalaa Maatiyoosii fi Mallasee Taaddasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.