Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Koree Filannoo Kaadhimamaa Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa hundeessan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Koree Filannoo Kaadhimamaa Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa miseensoota 8 qabu hundeessaniiru.

Koreen hundeeffames hojiitti kan gale yoo ta’u, yeroo dhiyootti eeruu ummaataa simachuu eegala jedhameera.

Akkaataa Heera Mootummaa Keeyyata 102 fi labsii hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaalessaa lakkoofsa 1133/2011 keeyyata 5/1’tiin Ministirri Muummee koree walabaa filannoo miseensota hoggansa boordichaa akka hundeessan raggaasifameera.

Haaluma kanaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensota Koree armaan gadii kaadhimamaa Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa akka filan hundeeffamaniiru.

1. Luba Taagaay Taaddalaa-Walitti qabaa

2. Pirofeesar Takattal Yohaannis-Miseensa

3. Obbo Baayyuuh Bazzaabbii-Miseensa

4. Dooktar Yohaannis Bantii-Miseensa

5. Obbo Kaasaahuun Fooloo-Miseensa

6. Aadde Rigibaa Gabrahawaariyaa-Miseensa
7. Aadde Ingidaayee Isheetee-Miseensa

8. Injinar Malaakuu Izazawu-Miseensummaan hundeessaniru.

Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalesssaa kan turan Burtukaan Miidhaksaan aangoo gadi lakkisuun isaaniin ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.