Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy konfireensii misoomaa fi Godaansa idil addunyaa Roomitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad konfireensii misoomaa fi Godaansa idil addunyaa Xaaliyaanii magaalaa Roomitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Ityoophiyaan ga’umsa tarsiimoo Gaanfa Afrikaatti qabduun madda, ce’umsaa fi bakka ga’umsa godaansaa ta’uu eerameera.

Bu’’ura kanaan Ityoophiyaan bulchiinsa godaansaa gabbisuu, godaansa seeraan alaa fi daddabarsaa namootaa furuuf imaammataa, seeraa fi tarkaanfii hedduu fudhachuu ragaan Waajjirra Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.