Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy kaffaltoota Gibiraa amanamoo ta’aniif beekkamtii fi badhaasa laatan

Finfinnee, Onkololeesa 1, 2016 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad kaffaltoota Gibiraa bara 2015 dirqama isaanii ba’aniif beekkamtii fi badhaasa laataniiru.

Kaffaltoota Gibiraa bara 2015 keessa dirqama isaanii amanamummaan ba’aniif sagantaan beekkamtii kennuu gaggeeffameera.

Hanna, hojmaata kontiroobaandii fi seera alummaa ittisuun amanamummaa fi sirnaan gibira kaffaluun murteessaa ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Hojiilee galii diinagdee damee dhuunfafi hawaasummaa guddisan akka deeggaran gaafataniiru.

Sirna kaffaltii fi hojmaata isaa ammayyeesuun dirqama Mootummaa yoo ta’uu, dameen dhuunfaas Teeknooloo ammayyeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bara 2015 galii Birrii biiliyoona 450 walitti qabuuf karoorfamee Biiliyoonni 442 walitti qabamuu ibsameera.

Guyyaa har’aas kaffaltootagibiraa 500f beekkamtiin laatameera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.