Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy hiriira deeggarsa guutuu Oromiyaatti taasiifame galateeffatan

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hiriira deeggarsaa guutuu Oromiyaatti ba’ameef galateeffataniiru.
Dooktar Abiy ‘sagalee deeggarsaa fi si waliin jirra guutummaa Oromiyaatti taasiifameef baay’een isin galateeffadha’ jedhaniiru.
Ergamni addaa mootummaa uummata tajaajiluu qofaadha jedhan.
Tajaajiltonni uummataa sadarkaa garaagaraarra jirru deeggarsa akkasiirraa kan barannuu fi hubachuu qabnu itti gaafatamummaa keenya sirriitti ba’uuf waamichii fi imaanaan uummataa akka nurra jiru ta’uu qaba jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Sochii bal’aa har’a muul’ateef jiraattota naannoo Oromiyaa hunda guddaan galateeffadha jechuun ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.