Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee mana maree nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaaf ibsa taasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) –Muummeen Minstiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaaf ibsa taasiisaniiru.

Dooktar Abiy jijjiirramaan dura sosochii ummataa turerratti mana marichaaf ibsa taasiisaniiru.

Sosochii ummataa hordofee jijjiirrama dhufe gufachiisuuf gareen ABUT walitti bu’iinsa eenyummaarratti xiyyeeffate uumaa turu eeraniiru.

Gareen badii kun Ityoophiyaarra darbee naannichaa gidduugala jeequmsaa taasiisuuf socha’aa akka ture ibsaniiru.

Dabalataan eeyyama Boordii Filannoo Biyyaalessaa malee seeraan alaa filannoo gaggeessuu himaniiru.

Naannichaatti Milishaa fi humna addaa al idilee ta’e leenjisaa turuus ibsa taasiisaniiru.

Kanaan ala Onkololeessa 24, 2013 Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabaarratti haleellaa raawwachuus ibsaniiru.

Haleellaa Raayyaa Ittisaarratti raawwate hordofee mootummaan murtoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummattaan gara olaantummaa seeraa mirkaneessuutti galuu eeraniiru.

Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamees yeroo gabaabaa keessatti xummuramuu ibsaniiru.

Himanni qabiinsa mirga namoomaa naannichaa ilaalchisee dhiyaataa jiru haqarra kan fagaate ta’uu himaniiru.

Mootummaan Federaalaa hanga ammaatti lammiilee miiliyoona 4.1f deeggarsa midhaan nyaataa yeroo ariifachiisaa meetirik toonii kuma 84 dhiyeessuu himaniiru.

Qabiinsa sarbama mirga namoomaa ilaalchisee haalli jiru akka qulqullaa’uu mootummaan Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii waliin qindoominaan hojjechuuf eeyyamamaa ta’uu ibsaniiru.

Dooktar Abiya Gamtaan Afrikaa wayita Ityoophiyaan rakkoo hammaataa keessa turtetti cinaa dhaabbachuu isaaf galata dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.