Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Gurgurtaa Aksiyoona Itiyoo Teeleekoom Eegalchisan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gurgurtaa Aksiyoona Itiyoo Teeleekoom Eegalchiisu ibsan.

Dooktar Abiy ergaa gama miidiya hawaasumma isaaniin dabarsaniin, har’i guyyaa seena qabeessaa Itiyoo Teeleekoom Aksiyoona gurguruuf qophii ta’ee itti ifoomsinee jedhan.

Waggoottan jahan darban imala warraaqsa siyaasaa irraa gara daandii jijjiramaatti taasifamaa jiruuf agarsiistuudhas jedhan.

Hojiraa oolmaa hojiilee akka Dijiitaal Itiyoophiyaaf taateen seena qabeessa har’aaf haala mijataa uumuu himaniiru.

Dameewwan garaagaraan guddinni akka mul’atu taasisuus eeraniiru.

Lammiileen miiliyoonni 50 daddarbasa maallaqaa gama Moobayilaan taasisuu ibsuun, umrii waggaa 130 kan qabu Itiyoo Teeleekoom gurgurtaa Aksiyoona %10 ummataaf ifoomseera jedhan.

Kunis gabaa Aksiyoona Itiyoophiyaaf haala mijataa kan uumuu fi Itiyoo Teeleekoom, Dhaabbiilee Daldala Mootummaa jiran keessaa tokko ta’uu eeruun,amma gara Dhaabbata Aksiyoonatti jijjirame Carraa abbummaa kan bal’iseedha jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.