Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy gita isaanii Sudaan Abdallaa Hamdook waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 11, 2013 (FBC) – Muummeen Minsitiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook waliin mari’ataniiru.

 

Hoggantoonni lameen yaa’ii ariifachiisaa hoggantoota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 38ffaarratti hirmaachuuf Jibuutitti kan argaman yoo ta’u,dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’achuu isaanii Dooktar Abiy Fuula Tiwiitarii isaanirratti barreessaniiru.

 

Jilli Muummee Minsitiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin fi hoggantoota olaanoo biroo of keessatti hammate Jibuutii galeera.

 

Yaa’ichi haala nageenya gaanfa Afrikaa fi dhimma weerara dhibee Covid- 19 irratti marii ni taasisa jedhamee eeggame.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.