Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy fi Pireezidaantiin Biraaziil Biqiltuu Bunaa Dhaaban

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Pireezidaantiin Biraaziil Liwiiz Inaachiyoo Luulaa Daa Siilvaan Paarkii Tokkummaa keessa Biqiltuu Bunaa dhaabaniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Finfinnee kan dhufan Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaa waliin mari’ataniiru.
 
Daldalli hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii waggoota 60 ol lakkoofsiseef bu’uuraa ijoo ta’uun ibsameera.
 
Dooktar Abiy fi Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaan walta’iinsa biyyootaa lameenii sadarkaa olaanaarraan ga’uu fi michummaa jiru daran haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
 
Pireezidaanti Luulaa Daa Silvaa fi Dooktar Abiy kutannoo eegumsa naannawaaf qaban haala calaqqisiisuu fi dinqisiifannaa aadaa bunaa qaban argisiisuuf Paarkii Tokkummaa keessa biqiltuu Bunaa dhaabaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.