Dooktar Abiy ergaa Pireezidaantii Aljeeriyaarraa ergame fuudhan
Finfinnee, Mudde 7, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa Pireezidaantii Aljeeriyaa Abdulmajiid Teebunee irraa ergame fudhachuu ibsan.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniiin akka ibsanitti Ministira Dhimma Alaa Rippaabilikii Diimokiraatawaa Ummataa Aljeeriyaa Ahimad Atafaaniin waajjira isaaniitti simataniiru.
Akka ergamaa addatti ergaa Pireezidaantii Biyyattii Abdulmajiid Teebuunee irraa ergame isaan qaqqabuu himaniiru.
Walitti dhufeenya sirnaawaa Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaa gidduu jiru haala caalaatti jabeessuun danda’amu ilaalchisee marii bu’a-qabeessa taasisuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia