Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2017 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Mawulidaa boru kabajamu ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin ayyaanni mawulidaa waa’ee waamicha keenyaa guyyaa itti yaadnuudha jedhan. Nabi Muhammad (SAW) Ergama dhufaniif, hojii hojjetanii fi bu’aa fidan ni kan itti yaadannuudha jedhan.

Namni gara addunyaatti akkasumaan kan hindhufnee fi ergama akka qabu ibsanii, namoonni guguddoodhaa jennuun hundi ergama dhufaniif kan beekan, ergama isaanii galamaan ga’uufis kan hojjetanii fi milkaa’ina ergama isaaniif wareegama malu kan kaffalan ta’uu kaasan.

Dhufaatiin Nabii Muhaammad bifaa fi amala addunyaa duraan turte kan jijjiiree fi seenaa addunyaa keessatti jijjiirama guddaa ta’eera jedhan.

Waan gochuu qaban bara isaaniitti raawwachuu himaniiru.

“Maaliif gara addunyaa kanaa dhufe? Ergamni koo Sun jireenya dhala namaa gara boqonnaa fooyya’aatti kan jijjiirudha? Ergama sana galmaan gaʼaan jiraa? Kan jedhu yoo yaadne, biyyattiin namoota gurguddoo hedduu buufatti. Imalli dhala namaas daandii gaarii warra hojjetaniin kan qajeele ta’a” jedhan

Guyyaa dmawulidaa kanatti ergama jireenya keenyaa fi milkaa’ina ergama keenyaa hubachaa akka kaajamuu abdii qaban ibsaniiru.

Waggaa shantamaan dura majilisni kan hundaa’e guyyaa Mawulidaatti waan ta’eef (guyyaa 12ffaa Rabii al-Awal) ayyaanni baranaa ayyaana dachaadha jedhan Dooktar Abiy.

Baga guyyaa dhaloota Nabii Mahammad fi waggaa 50ffaa majilisaatiin isin gahe jedhaniiru

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.