Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy du’aan boqochuu Hogganaa Kuweet Sheek Imiir Nawaaf al-Ahimad al-Jaabiir al-Saabaahitti gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad du’aan boqochuu Hogganaa Kuweet Sheek Imiir Nawaaf al-Ahimad al-Jaabiir al-Saabaah hordofee gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy ummataa fi mootummaa Kuweetiif jajjabina hawwaniiru.

Sheek Imiir Nawaaf al-Ahimad al-Jaabiir al-Saabaah dhalatanii umrii waggaa 86ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Sheek Saabaa al-Ahimad al-Saabaa bara Fanjootaa 2020 obboleessi isaanii boqochuu hordofee aangoo dhaalanii turan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.