Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy daawwannaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufan Pireezidaantii Yuuniyenii Koomoroos Azaalii Asumaanii simatan

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Yuuniyenii Koomoroos Azaalii Asumaanii daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan.

Dooktar Abiy Pireezidaanti Azaalii Asumaan waajjira isaanitti simachuun dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Pireezidaantii Yuuniyenii Koomoroosii fi Dura Taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa Azaalii Asumaanii waliin dhimmoota waloo, Naannawaa fi gamheddurratati marii bal’aa fi bu’aa qabeessa taasiisuu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf waltajjiiwwan tumsaa babal’isuu, akkasumas qormaatilee Ardichaa fi naannawaa qolachuuf ejjennoo waloo qabachuu ilaalchisee mari’achuus kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.