Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Komishinii Poolisii Federaalaa fi Inistiityuutii Intalejansii Artifishaalii walii ta’uun appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee eegalchiisaniiru.

Hojiin kun lammiileef tajaajila bu’uuraa kennuuf kan kaayyeefame, qaama tarsiimoo Diijitaala Itiyoophiyaa ta’uu Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Daandii damee hundaa milkeessuuf Diijitaala Itiyoophiyaa tumsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Poolisiin Federaalaa waggoottan jahan darban gara sirna Diijitaalatti ce’uu himaniiru.

Magaala baay’inni ummataa dabalaa jirutti hirmaannaan lammiilee murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Appilikeeshiniin har’a hojii eegalee lammiileen yakka ittisuuf Suuraa, viidiyoo, sagalee, sanadaa, yookaa kallattiin bilbiluun hirmaannaa akka taasisan kan dandeessisu ta’ee ibsaniiru.

Lammiileen yeroo hunda nageenya naannawaa fi magaalaa kabachiisuuf qooda isaanii akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.