Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad,Itti Aanaa Ministira Muummee, Ministira Alaa fi Ministira Raayyaa Ittisaa Ayarlaand Miisheel Maartii waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Itti Aanaa Ministira Muummee, Ministira dhimma Alaa fi Ministira Raayyaa Ittisaa Ayarlaand Miisheel Maartii fi jila isaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy, jilicha waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti marii taasiisuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaaniiru.

Itti Aanaan Ministira Muummee, Ministirri Dhimma Alaa fi Ministirri Raayyaa Ittisaa Ayarlaand Miisheel Maartii fi jilli isaaniin durfamu kaleessa daawwannaa hojiif gara Itiyoophiyaa dhufuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.