Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimadii fi Zinnaash Taayyachoon Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti warshaa Daabboo Waajjira Giiftii Dureen ijaarame eebbisan

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyachoon Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Warshaa Daabboo Waajjira Giiftii Dureen ijaarame eebbisiisaniiru.

Warshaan kun guyyaan Daabboo kuma 300 ol oomishuu danda’a jedhame.

Waajjirri Giiftii Duree naannichatti Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa 2 ijaaruun kan yaadatamuudha.

Maallaqa dhaabbilee deeggartootaa adda addaarraa argameen Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa 30 fi Warshaalee Daabboo 12 naannoolee garaagaraa keessarri ijaareera.

Dooktar Abiy Mooraa Warshaa Daabboo kana keessa Biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabuu isaanii fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.