Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimadii fi Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan waloon biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Preezdantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan sagantaa biqiltuu dhaabbii gaaggeesaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniitin akka ibsanitti, preezdaant Uhuuruun guyyaa seena qabeessa waliigalteen eeyyamaa teeleekoom itti mallateeffamuuf baga nagaan gara Ityoophiyaa dhuftaan jedhaniiru.

Ityoophiyaa sadarkaa biyyoolessaatti biqiltuuwwan biiliyoona 6 dhaabuu fi biqiltuuwwan biiliyoona 1 ammoo biyyoota ollaaf qopheessuun gara sagantaa Ashaaraa Magariisaattii galleerraa jedhan.

Kana bu’uureeffachuunis preezdaantiichii fi Dooktar Abiy biqiltuu dhaabuu ibsaniiru.

Preezdaant Uhuuruu Keeniyaatan har’a Finfinnee galuun isaanii ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.