Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii Xaaliyaanii-Afrikaarratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii Xaaliyaanii Afrikaarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichii keessummeessummaa Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Yaa’icharratti Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin dabalatee dureewwan biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, yaa’ichi mata duree “Riqicha guddina waloo” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Karoorri “Mateo plan for Africa” jedhu dhiyaachuun kan irratti mari’atuu ta’uu ragaan waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.