Dooktar Abiy Ahimad turtii isaanii kan xumuran Bakka Buutuu UNIDO gaggeessan
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad turtii isaanii kan xumuran Dhaabbata Misoomaa Indaastirii Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Buutuu Itiyoophiyaa Kaalaabiroo Awureeliyaa Paatiriiziyaa gaggeessaniru.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Kaalaabiroo Awureeliyaa Paatiriiziyaan “Michuu dhugaa Itiyoophiyaa, kan haala naannawaa Itiyoophiyaa sirriitti hubatanii fi misooma biyyaaf kutannoo hinraafamne kan qabaniidha” jechuun ibsan.
Fuuldurattis, gaariin akka mudatuun hawwii gaarii qabaniif ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.