Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii fi Hoji Raawwachiisaa Maariyoot Internaashinaal waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii fi Hoji Raawwachiisaa Maariyoot Internaashinaal Antoonii Kaapu’aanoo waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis guddinarra kan jiru damee tajaajilaa fi imalaa Itiyoophiyaarratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Qabeenyaa aadaa fi qabiyyee hambaa seenaan akkasumaas miidhagina qabeenya umamaan kan beekamtu Itiyoophiyaan indaastirii tuuriizimii ishee babal’isuurratti xiyyeeffachuun ibsameera.

Sadarkaa idil addunyatti dameewwan kuma 8 fi 785’n, damee tajaajilaa keessummeessuu fi bakka boqonnaatiin adda duree kan ta’e Maariyoot Internaashinaal gahee olaanaa bahachuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.