Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Chaayinaa Lii Kiyaangi waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti walta’iinsa biyyoota lameen gidduu daran cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti marii bu’aa qabeessa taasisaniiru.

Yaa’ii Walta’iinsaa Chaayinaa Afrikaa Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi irratti argamanirratti sagantaa raawwii guddinaa fi galmoota misoomaa Itiyoophiyaa waliin walsiman ifoomuu kaasaniiru.

Keessumaa oomishtummaa dabale milkeessuuf hojiilee gaggeeffaman ammayyeessuuf daandii walta’iinsa qonnaa irratti fedhii Itiyoophiyaa ibsuu beeksisaniiru.

Hojiilee dijitaalaayizeeshinii fi misooma indaastirii irrattis haala deeggarsa argachuun dandaa’amurratti mari’achuus kaasaniiru.

Waloon kan irratti hirmaatan sanadni waliigaltee 17 mallatteeffamuu ibsanii, waliigalteewwan kunneen Chaayinaa fi Itiyoophiyaatti kan argamu walta’iinsa tarsiimawaa haala hundaan hinjijijjiiramneef agarsiistuu ijoo ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.